
Qubee TV
June 2, 2025 at 01:56 PM
Obbo Taayyee Danda'aa himanni lamaan irraa bilisa jedhaman deebi’ee falmiin akka irratti gaggeeffamu manni murtiin ajaje.
Qubee TV ( Waxabajjii 2, 2025) Finfinnee!
Waggaa tokkoon dura aangoo Deetaa Ministira Nagaa irraa kaafamanii to’annoo jala kan oolaniifi ergasii himata sadii irratti baname keessaa lamaan bilisa jedhamuun himata tokkicha hordofaa kan turan Taayyee Danda’aa, himatni lamaan irraa bilisa jedhaman deebi'ee akka itti fufu ajajame.
Himatni lamaan Obbo Taayyeen irraa bilisa jedhamanii turan 'Diina waliin waloomuu'fi ''ergaawwan sochii qaamolee farreen nageenyaa ABO Shaneefi Faannoo deeggaran karaa Feesbuukii isaanii qoodaniiru” jedhan yoo ta’an, Manni Murtii Olaanaa Federaalaa dhaddachi Lidataa Adoolessa 30, 2016 ALI himatawwan kanneen irraa bilisa isaan jedhee ture.
Gama kaaniin Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa Obbo Taayyeen himatawwan kanneen irraa bilisa ta'uu hin qaban jechuun ol iyyannoo erga itti gaafate booda dhimmi isaanii Mana Murtii Waliigala Federaalaatti ilaalamaa ture.
Manni murtichaas dhimma himata lamaanii kanarratti jala murtii kennuuf beellama har'atti qabateen ol iyyannoon Abbaa Alangaa waliigala Federaalaa fudhatama argachuun himata lamaan bilisa jedhaman akka ofirraa ittisan ajaje.
Kanaaf jechas himatni lamaan ammaan dura bilisa ittiin jedhaman galmeen gara mana murtii olaanaa federaalaatti deebi'ee falmiin kan itti fufu ta’uu abukaatoon isaanii himan. Mirgi wabii kan eegameef himatawwan sadan keessaa lamaan bilisa jedhamee waan ta'eef mirgi wabii ammaan dura isaaniif eegame itti fufamoo ni kaafama kan jedhu beellama itti aanurratti kan beekamu ta'as jedhan.
Maddi: BBC
#oromiyaa #itoophiyaa
Marsaalee Hawaasaa keenya kan biroon nu hordofuuf, geessituu armaan gadii fayyadamaa.
www.qubeetv.net
Youtube : https://www.youtube.com/@Qubeetv2023
TikTok: https://www.tiktok.com/@qubee_tv?_t=ZM-8vmQ1gWJaKr&_r=1
Facebook: Qubee TV
Telegram : https://t.me/Qubeetv
WhatsApp: https://whatsapp.com/channel/0029VaEkxgaEawdqJRAax420
