Qubee TV
Qubee TV
June 8, 2025 at 01:30 PM
Kitaabni ABC Tuurizimii Oromiyaafi Itoophiyaa Afaanota 3'n barraa'e eebbifame. Qubee TV ( Waxabajjii 8, 2025) Finfinnee! Kitaabni ABC Tuurizimii Oromiyaafi ABC Tuurizimii Itoophiyaa Afaan Oromoo, Afaan Amaaraafi Ingiliffaan Komishinera Itti Aanaa Komishinii Tuurizimii Oromiyaa Obbo Nagaa Wadaajoon barraa'e eebbifame. Kitaabni iddoolee Tuurizimii biyyaattiifi Aadaa nyaataa Oromiyaafi Itoophiyaa daa'imman barsiisuu irratti xiyyeeffachuun barraa'e kun kan eebbifame Galma Yaadannoo injifannoo Adwaatti bakka Hoggantoonni olaanoon mootummaafi namoonni affeerraan godhameef kanbiroon argamanitti eebbifame. Qaqqabummaa isaa dabaluuf afaanota 3'n kan qophaa’e kitaabichi hanqina hubannoo gama tuurizimiin jiruufi baruufi barsiisuu keessatti qaawwa hubannoo jiru furuuf xiyyeeffannoon kan qophaa’eedha jedha barreessaan Kitaabicha Nagaa Wadaajoo. #oromiyaa #itoophiyaa Marsaalee Hawaasaa keenya kan biroon nu hordofuuf, geessituu armaan gadii fayyadamaa. www.qubeetv.net Youtube : https://www.youtube.com/@Qubeetv2023 TikTok: https://www.tiktok.com/@qubee_tv?_t=ZM-8vmQ1gWJaKr&_r=1 Facebook: Qubee TV Telegram : https://t.me/Qubeetv WhatsApp: https://whatsapp.com/channel/0029VaEkxgaEawdqJRAax420
Image from Qubee TV: Kitaabni ABC Tuurizimii Oromiyaafi Itoophiyaa Afaanota 3'n barraa'e ee...

Comments