
Qubee TV
June 8, 2025 at 05:45 PM
Bunni Sidaamaa yeroo jalqabaaf shaampiyoonaa waancaa Itoophiyaa ta'e.
Qubee TV ( Waxabajjii 8, 2025) Finfinnee!
Bunni Sidaamaa Walaayittaa Diichaa injifachuun shaampiyoonaa Waancaa Itoophiyaa bara 2017 ta'e.
Tapha xumuraa har'a Istaadiyeemii Finfinneetti geggeeffameen Bunni Sidaamaa galchii 2fi 1'n Walaayitaa Diichaa injifate.
Buna Sidaamaaf Habtaamuu Taaddasaafi Masfin Taaffaseen galchii tokko tokko yoo lakkoofsisan, Walaayitaa Diichaaf ammoo Kaarlos Daamxoon galchii injifatamuu irraa hin oolchine lakkoofsise.
Bunni Sidaamaa waancaa kana mo'achuu hordofee waggaa dhufu waancaa Konfedereeshinii Afrikaa irratti tti ni hirmaata.
#oromiyaa #itoophiyaa
Marsaalee Hawaasaa keenya kan biroon nu hordofuuf, geessituu armaan gadii fayyadamaa.
www.qubeetv.net
Youtube : https://www.youtube.com/@Qubeetv2023
TikTok: https://www.tiktok.com/@qubee_tv?_t=ZM-8vmQ1gWJaKr&_r=1
Facebook: Qubee TV
Telegram : https://t.me/Qubeetv
WhatsApp: https://whatsapp.com/channel/0029VaEkxgaEawdqJRAax420
