
Qubee TV
June 10, 2025 at 09:22 AM
Atileet Silashii Sihiin Miidhaan atileetoota dubartootaa irratti raawwatamu kan akka laayyootti ilaalamu miti jedhe.
Qubee TV ( Waxabajjii 10, 2025) Finfinnee!
Miidhaan atileetoota dubartootaa irratti raawwatamu kan akka laayyootti ilaalamuu miti jedhe Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa.
Federeeshiniin Atileetksii Itoophiyaa dhimma atileet Galatee Burqaatiin walqabatee har'a ganama miidiyaaleedhaaf ibsa kenne.
Pireezidantiin Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Komaandar Atileet Silashii Sihiin, atileet Galatee Burqaatu bahee miidiyaatti rakkoo ishee muudate dubbate malee, baayyinni atileetota biyya isaaniif oolmaa guddaa oolaniifi rakkoo hedduu keessa jiran xiqqaa miti jedhan.
Afrikaa Bahaatti rakkoon akkanaa atileetota dubartootaa qofa osoo hin taane atileetota dhiiraa irrattis baayyinaan mul’lata jedhe Atileet Silashii Sihiin.
#oromiyaa #itoophiyaa
Marsaalee Hawaasaa keenya kan biroon nu hordofuuf, geessituu armaan gadii fayyadamaa.
www.qubeetv.net
Youtube : https://www.youtube.com/@Qubeetv2023
TikTok: https://www.tiktok.com/@qubee_tv?_t=ZM-8vmQ1gWJaKr&_r=1
Facebook: Qubee TV
Telegram : https://t.me/Qubeetv
WhatsApp: https://whatsapp.com/channel/0029VaEkxgaEawdqJRAax420
