Qubee TV
Qubee TV
June 12, 2025 at 01:31 PM
Badhaasni Haacaaluu Hundeessaa bara kanaa Waxabajjii 22 akka gaggeeffamu ibsame Qubee TV ( Waxabajjii 12, 2025) Finfinnee! Badhaasa Haacaaluu Hundeessa marsaa arfaffaafi yaadannoo wareegama isaa waggaa shanaffaa Waxabajjii 22, 2017 ALI bakka kaadhimamtoonni badhaasaafi keessummoonni argamanitti akka gaggeeffamu Boordiin Faawundeeshinii Haacaaluu beeksise. Kaayyoon Badhaasa Haacaaluu Hundeessaa artistootaafi namoota ogummaa aartii keessa jiran badhaasuun artistoota lafaa dhufan jajjabeessuufi beekamtii kennuu ta’uu boordichi ibse. Faawundeeshinichi gosoota aartii 11 oliin badhaasa kan kennu yoo ta’u, sirboonni 300 ol badhaasichaaf walitti qabamuu haati warraa Haacaaluu Hundeeessaa Aadde Faantuu Damissoo dabalatee miseensonni boordichaa ibsa kana laatan ibsan. Hojiileen kunneen ogeeyyiifi abbootii murteen kan calalaman ta’uu eerame. Adeemsi filannoos dhibbantaan 90 ogeeyyiin, dhibbantaa 10 ammoo ummataan ta’uu boordichi ibsa kenneen hime. Badhaasni umurii guutuufi addaas ni jiraata kan jedhe boordichi, sirboonni badhaasaaf dhiyaatan Bitootessa 22, 2016 hanga hanga Bitooteessa 21, 2017tti kan hojjetaman ta’u beeksise. Har’a eegalee kaadhimamtoonni miidiyaalee hawaasummaa faawundeeshinichaa irratti waan dhiyaataniif ummanni sagalee akka kennu faawundeeshinichi waamicha dhiyeesse. #oromiyaa #itoophiyaa Marsaalee Hawaasaa keenya kan biroon nu hordofuuf, geessituu armaan gadii fayyadamaa. www.qubeetv.net Youtube : https://www.youtube.com/@Qubeetv2023 TikTok: https://www.tiktok.com/@qubee_tv?_t=ZM-8vmQ1gWJaKr&_r=1 Facebook: Qubee TV Telegram : https://t.me/Qubeetv WhatsApp: https://whatsapp.com/channel/0029VaEkxgaEawdqJRAax420
Image from Qubee TV: Badhaasni Haacaaluu Hundeessaa bara kanaa Waxabajjii 22 akka gaggeeffa...

Comments