
Spider Media
June 2, 2025 at 01:17 PM
Qormaanni Sadarkaa Naannoo Kutaa 6ffaa boru akka kennamu Biiroon Barnootaa Oromiyaa beeksise
Spider Media : Zul-Hijjah 6/1446
Qormaanni Naannoo Kutaa 6ffaa boru jalqabamu dabalatee, qormaata naannoo kutaa 8ffaafi qormaataa biyyaaleessa kutaa 12ffaa bara 2017 kennuuf qophi xumuruu Hoogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Tolaa Bariisoo(PhD) himan.
Dr. Tolaan, qophii qormaataa baranaa ilaalchisanii miidiyaaf ibsa kennaniiru.
Akka Dr. Tolaan jedhanitti, guyyaa borii Caamsa 26 bara 2017tti qormaata Naannoo kutaa 6ffaa kennamuun barattoonni kuma 700fi kuma 69fi176 qormaaticha ni fudhatu.
Qormaanni kutaa 6ffaa kunis Wiirtuulee qormaata gahuu isaas himaniiru.
Qormaata sadarkaa Naannoo Kutaa 8ffaatiinis barattoonni kuma 500fi kuma 92fi 224 qormaaticha wiirtulee 1,305 keessatti kan fudhatan ta'u dubbataniru.
Qormaata Biyyaaleessa kutaa 12ffaas barattoonni naannichaa kuma 200fi kuma 33fi 43 akka fudhatan kan himan Dr. Tolaan, barattoota kanneen keessa barattoonni kuma 27fi 304 qormaaticha kallattin ykn on-line’n qoratamu jedhan.
Barattoonni kaan ammoo Yuunivarsiiwwan naannicha keessatti argaman 15, Manneen barnootaa bultii addaa 6fi Wiirtuu dagaagina ogummaa Adaamaatti kan qormaataa fudhatan ta'uus himaniiru.
© #amar_temam
#spidermedia
https://t.me/spidermediaa