
Spider Media
June 9, 2025 at 02:19 PM
“Riqichi Muusee” Galaana Diimaa irratti ijaaramuufi!
********
Masrii fi Sa’uudi Arabiyaan riqicha Afrikaa fi Eeshiyaa wal qunnamsiisu ijaaruuf akka jiran himamaa jira.
Sa’uudii Arabiyaa fi Masriin biyyoota lamaanii fi Ardiilee lamaan walqunnamsiisuuf Galaana Diimaa irratti “Riqicha Mooses” Ardii kana keessatti isa dheeraa ta’ee fi baasii doolaara biiliyoona 4,n hojii jalqabuu isaanii gabaafameera.
Akka gabaasaaleen mul’isanitti, yaadni pirojektii riqicha kanaa jalqaba bara 1988 yaada dhihaatee fi bara 2016 mootiin Sa’uudii Saalmaan ifatti deebisee kan haaromse, dhimma siyaasaa fi loojistikii irraa kan ka’e harkifateera.
Mootiin gonfoo Sa’uudii Mohaammad Bin Salmaanii fi pireezidaantiin Masrii Abdel Fattah El-Sisi guyyoota muraasa dura ijaarsa jalqabuuf murteessuun isaanii ibsameera.
Afrikaa fi Eeshiyaa Galaana Diimaa qaxxaamuree walqunnamsiisuu ni danda'a kan jedhamee fi Ijaarsa isaatiif baadiin Doolaara biiliyoona 4 kan ramadameef Riqichi kun qarqara galaanaa Tiraanii kan uwwisu yoo ta'u qarqara galaanaa Sa’uudii Arabiyaa Raas Haamiid gara Sharm el-Sheikh kan Masrii Siinaayitti kan walqunnamsiisu jedhameera.
Akka qondaaltonni Masrii jedhanitti, riqichi kun jalqaba irratti kabaja mootii Sa'udii kanaaf jecha "Mootii Salmaan bin Abdulaziiz" jedhamee kan moggaafame yoo ta'u, gaaffiin ummanni maqaa kanaaf dhiheesse garuu seenaa macaafa qulqulluu Musee Galaana Diimaa addaan baasu irratti hundaa'uun gara "Riqicha Musee"tti jijjiirame.
Ministirri Geejjibaa Masrii Kamel al-Wazir sadarkaan dizaayinii hundi xummuramuu fi pirojektichi''hojiirra oolchuuf qophiidha'' jedhan.
Itti dabaluunis pirojektiin kun yeroo tokko yaada mul’ataa ture amma dhugaa ta’uuf qophaa’ee jira, kunis walitti hidhamiinsa qaamaa fooyyessuu qofa osoo hin taane waljijjiirraa diinagdee fi aadaa ardiilee jidduutti taasifamu, daldala turizimii fi sochii lammiilee haalaan kan fooyyessuu ta’uu ibsaniiru.
Mootummaan Sa’uudii gama isaatiin ibsa baaseen, “Riqichi Musee” naannoo daangaa Sa’uudii fi Masriitti argamu pirojektii magaalaa guddittii “NEOM” gara fuulduraatti, kan Sa’uudii Arabiyaan baasii doolaara biiliyoona 500n ijaaraa jirtu, teeknooloojii ammayyaa, anniisaa haaromfamuu danda’uu fi bu’uuraalee misoomaa AI’n hojjetan walitti makuun, walitti dhufeenna ardiilee seenaa, aadaa fi dandeettiidhaan badhaadhan lama jidduu jiruuf iddoo guddaa akka kennu ibseera.
Ijaarsi riqicha Galaana Diimaa irratti Itiyoophiyaan irra deddeebiin abbummaa fi abbaa biyyummaa isii gaaffii keessa galchaa turte kun dhaabbata Maritime jedhamu kan raawwatamaa jiru ta’uu odeeffannoon All Africa Today argate ni mul’isa.
Riqicha kana ilaalchisee biyyoonni naannoo Galaana Diimaa fi galaana irraa kiiloo meetira 12 keessatti argaman iftoomina ijaarsi kun bu’uura bulchiinsa bishaanii fi bulchiinsa idil-addunyaa irratti hundaa’uun gaaffii kaasaa kan jiran yoo ta’u, yeroo barreeffamni kun barreeffamutti itti fayyadama Galaana Diimaa irratti gaaffii hedduu kaasaa kan turte Itiyoophiyaan dhimma kana irratti yaada hin kennine.
Gabaasa kana qopheessuu keessatti miidiyaa Masrii Reuters All Arabia Africa Today fayyadamneerra.OFM
© #amar_temam
#spidermedia