Spider Media
Spider Media
June 10, 2025 at 01:27 PM
"Dargaggoonni, yaada hojiin hinjiru jedhu keessaa bahuun hojii uumuu qabu" Izaddiin Kaamil ************ Dargaggoonni yaada hojiin hinjiru jedhu keessaa bahuun hojii uumuu akka qaban Raawwachiisaan Hojii Tiinaa Maarti Dargaggoo Izaddiin Kaamil ibse. Mariin paanaalii "Waa'ee Itoophiyaa" boqonnaa lammaffaa marsaa 5ffaa Dhaabbanni Pireesii Itoophiyaa Ministeera Hojiifi Ogummaa waliin ta'uun qopheesse mataduree "Hojii uumuu waa'ee Itoophiyaa" jedhuun Magaalaa Adaamaatti adeemsifamaa jira. Raawwachiisaan Hojii Tiinaa Maarti Dargaggoo Izaddiin Kaamil mataduree "Carraa hojii uumuu Itoophiyaatti" jedhuun yaada marii dhiyeesseera. Yaada ka'umsaasaa keessatti carraa hojii uumuun rakkoolee karaa haaraa ta’een furuufi yaada daldalaa maddisiisuu akka ta’e ibsaniiru. Itoophiyaatti wiirtuuwwan inkuubeshiniifi dhaabbilee kana fakkaatan carraa hojii uumuuf gumaachan dargaggoonni hedduun hubannoon akka godhamu hubachiisaniiru. Dargaggoonni hedduun hojiin akka hin jirre, hojiin akka bade dhaga'aa jiru. Garuu hojii eeggachuu dhiisanii abbootii qabeenyaa ta'uu qabu jechuun dubbateera. Ityoophiyaa keessatti dargaggoonni yaada qaban hedduun jiraatanis, gabaa seenuuf gufuu guddaan faayinaansii dha; qooda fudhattoonni dhimmi ilaallatu yaadota carraa hojii uumuu babal’isuuf invast gochuu akka qaban ibsaniiru. Itti dabaluunis muuxannoo biyyoota biroo muuxannoo fi ogummaa damee kanaa qaban irraa barachuun gaarii ta'a jedheera. © #amartemam #spidermedia

Comments