
Spider Media
June 10, 2025 at 07:10 PM
Mul’anni keenya haaraan carraa hojii uumuu ka’umsaafi safartuu qabeenya uumuu kan taasifatedha > Ministir Mufsarihaat Kaamil
Spider Media : Zul-Hijjah 14/1446
Mul’anni mootummaa haaraa kanaa carraa hojii uumuu qofa osoo hintaane, bu’uurafi safartuu qabeenya uumuu kan taasifatedha” jedhan Ministirri Hojiifi Ogummaa Mufarihaat Kaamil.
Waltajjii Waa’ee Itoophiyaa marsaa lammaffaa boqonnaa shanaffaa Dhaabbanni Pireesii Itoophiyaan Magaalaa Adaamaatti qopheesserratti Aadde Mufaarihaat Kaamil ergaa viidiyoon dabarsaniin, Itoophiyaan erga Ministeerri Hojiifi Ogummaa hundeeffamee kaasee dameewwan misooma ogummaa, carraa hojii uumuufi hariiroo hojjechiisaafi hojjataa waliin walqabatan qindeessuun bu’aa gaarii galmeessisaa jiraachuu, akkasumas ijaarsa dhaabbileerrattis bal’inaan hojjechaa jira.
Utubaawwan jijjiiramaa kana keessaa tokko, carraa hojii uumuu, yaada baramaarraa kan jijjiiramedha kan jedhan Aadde Mufarihaat, yaadni duraan ture baay’inaan fedhii guyyaa guyyaafi nyaataa guutuurratti kan xiyyeeffate ta’uu yaadachiisaniiru.
Yaadni amma jiru kanarraa adda ta’uu kan ibsan Ministirittiin, carraa hojii uumuun yaada nyaataa ol qabeenya uumuu ka’umsaafi galmasaa kan taasifate ta’uu ibsaniiru.
Itoophiyaan qabeenya uumamaafi namtolchee bal’aa akka qabaachuu kan dubbatan Aadde Mufarihaat, kaayyoon biyyaalessaa qabeenya kana adda baasuun haala bu’aa guddaa argamsiisuun akkamitt irratti hojjachuu dandeenya jedhu kaa’uun, keessumaa fooyya’iinsa dinagdee biyya keessaa hojiirra oolchuun hojjatamaa jira.Karoora Badhaadhinaa waggaa 10 carraafi qormaata nu mudatu adda baasuun hojjatamaa jiraachuu ibsaniiru.
Intarpiraayizoonni keenya yeroo gabaabaa keessatti kan badan osoo hintaane, haala qulqullina qabuun kan bocamaaniifi wayita hojiitti galanis qabeenya kan uumuu akka ta’an waan hojjatameef carraan isaan imala dheeraa deemuuf qaban bal’aa ta’uu eeruu Bariisaan gabaaseera.
Gama biraatiin Intarpiraayizoota keessatti misooma humna namaatiif xiyyeeffannaan kennamuun hihojjatama kan jedhan ministirittiin, kunis gufuulee leenjii, teknoloojii, faayinaansiifi dhimmoota biroorratti mul’atu furuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.
© #amar_temam
#spidermedia