
Spider Media
June 10, 2025 at 09:34 PM
Yeroo mara waa'een Gaz*💔zaa na dhukkubsa> Peep Gaardiyoolaa
****************
Leenjisaan Maanchistar siitii Peep Gaardiyoolaan waggaa sagalii oliif dirree keessaafi dirreedhaan alatti gumaacha olaanaa magaalaa Maanchistariif taasiseen kaleessa Yuunivarsiitii Maanchistarirraa Digirii kabajaa badhaafameera.
Gaardiyoolaan Sirna badhaasichaa irratti ergaa cimaafi dhaamsa guddaa addunyaaf dabarseera. Ergaa kanaaniis namoomarratti haasawa qalbii nama tuqu taasisee jira.
Gaardiyoolaan "Suuraaleen Yukireen, Sudaan fi Falasxiin Gaazaa keessatti argarru baay'ee nama gaddisiisu, Kana Hoggaan Arke qalbii na caba, niin rakkadha'' jechuun haasawa eegala.
Leenjisaan umrii 54 kun weer*araa fi waraana Isr*aa'el Ga*z💔zaarratti adeemsisaa jirtu irrattiis yaada itti aanu kan dubbatee jira.
''Ga*z💔zaar keessatti wanti raawwatamu kan arkaa jirru baay'ee nama dhukkubsa, yeroon waa'ee kana yaadu qaama koo guutuutu na miidhama. Mee ifatti haa dubbadhu, kun ''ani sirriidha' ykn 'isin dogoggortan' jechuu miti, dhimma lubbuu ilma namaati" jedhe leenjisaan Maanchistar siitii kun.
#pepguardiola n itti dabaluudhaan "Daa'imman, haadholii fi abbootii dabalatee maatiin guutuun kumaatamatti lakkaa'aman rakkinaa fi beelaaf saaxilamuu bira dabree yoo ajj*eefaman argaa jirra, Hoggantoonni hedduun garuu, waan tahaa jiru osoo arganii waa'ee walqixxummaa hin yaadan jedhan.
Leenjisaan lammii Ispeen kun itti fufuudhaan, ''Kun dhimma keenyaa miti, nu hin ilaallatu jennee yaaduu dhabuu dandeenya, garuu of eeggannoo taasisuu qabna!, maaltu beeka? Warri itti aanu nu tahuu dandeenya. Dabareen itti aanu joollee teenya tan waggaa 4 fi 5 tahuu danda'a jechuun dubbatan.
Akka gabaasa Ministeera Fayyaa Fa*l-*alsxiinitti 🇵🇸 Onkoloolessa 2023 irraa eegalee yoo xiqqaate lammiileen Fa*l🇵🇸sxiin kumni 54 fi 880 humnoota war*aanaa Iz*raa’eliin ajje*efaman keeysaa kumni 28 daa’immanii fi dubartoota.
Kanneen ajje*efaman keessaa yoo xiqqaate namoonni 1,400 hojjettoota fayyaa yoo tahan, kanneen 300 ol tahan hojjettoota gargaarsaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii 'UN' ta'uu kan gabaase Dire TVn gaazexeessitoonni 220 olis akka ajj*eefaman gabaase Ministeericha wabeeffachuun.
© #amar_temam
#spidermedia@spidermediaa