
Spider Media
June 11, 2025 at 12:16 PM
Innaa lillaahi wa'innaa ilayhii raaji'uun
Taphataan sarara fuulduraa duraanii garee biyyaalessaa Itiyoophiyaa Mulugeetaa Kabbaddaan gama fuula Rabbii adeeme
Sirni awwaalcha isaa boru bakka Awwaalchaa Musliimaa Kolfeetti argamutti raawwata.
Taphataan sarara fuulduraa duraanii garee biyyaalessaa Itiyoophiyaa fi Kilaba Qiddus Giyoorgiis Mulugeetaa Kabbadaan gama aakhiraa godaaneera.
Jifataa urjiin garee biyyaalessa Itiyoophiyaa Mulugeetaa Kabbadaan dhibee isa mudateen yaalamaa turuun har’a addunyaa kanarraa du’aan boqoteera.
Mulgeetaa Kabbadaan garee Biyyaalessaa Itiyoophiyaa fi Kilaba Qiddus Giyoorgis keessa waggoota dheeraaf taphachaa kan ture yoo ta’u, taphataa ga’umsa dinqisiisaa agarsiisaa tureedha.
Iddoo lamaanittuu dursaa garee ta’uun tajaajileera.
Bara 1970 fi saddeettamoota keessa taphataa urjii Itiyoophiyaa kan ture Mulugaataa Kabbadaan, taphattoota ciccimoo Itiyoophiyaa keessaa nama tokko ture.
Sirni awwaalcha isaa boru bakka Awwaalchaa Musliimaa Kolfeetti argamutti akka raawwatu maatii isaa Faanaa Diijitaaliif ibsaniiru.
Spider Media n Mulugeetaaf Rabbiin rahmata haa godhu jechaa maatiifi fira akkasumas waahillaniifi hawaasa biyyattiif jajjabina hawwa.
© #amar_temam
#spidermedia@spidermediaa