
Spider Media
June 11, 2025 at 12:50 PM
Bulchaan Kaalifoorniyaa Gavin Newsom Tiraamp ''abbaa irree'' fi ''maraataadha,'' jedhan
Spider Media : Zul-Hijjah 15/1446
Ameerikaa Loos Anjalasiitti hokkora cimaa ka'e hordofee dhorkaan sa'aatii labsamu illeen mormiiin ammalleen akkuma itti fufeetti jira.
Moormii tibbana adeemaa jiruun wal qabatee uggurri sa'aatii hojiirra oolfamulleen, garee mormiitootaa guddaan ammas poolisii waliin wal dura dhaabbataa jira.
Kun mormii seeraan alaa waan ta'eef yoo naannoo sana gadhiisanii hin baane hidhaa akka isaan eeggatuu himamaa jira jedha BBCn.
Helikooptarri namoota moormiif bahan gubbaarra naannawuudhaan akeekkachiisaa jira fakkaata.
Kaleessa Dubbii himaa ol’aanaan Peentaagoon, Siin Paarneel, ajaja pirezidaant Doonaald Tiraampiin dabalataan Eegdonni Biyyaalessaa 2,000 gara Loos Angalas akka bobbaafaman mirkaneessaniiru.
Bulchaan Kaalifoorniyaa Gaavin Niiwsoom gama isaaniitiin, pirezidaant Doonaald Tiraamp dabalataan Eegdota Biyyaalessaa 2,000 fi loltoota 700 Loos Anjalasitti bobbaasuu isaanii himan.
Kan isaan jedhan kun dhugaa ta’uun isaa ammoo bulchiinsa Tiraampiin mirkanaahuudha kan eerame.
Bulchaan Kaalifoorniyaa Gaavin Niiwsoom Pirezidant Tiraamp abbaa irree fi mar*aataa jechuun qeeqaniiru.
Bulchaan kun Tiraampiin himachaa jiraatanis, pirezidantichi garuu humna dabalataa bobbaasuun tarkaanfiinsaanii itti fufaniiru. Ta'ullee hanga ammaatti balicha to'achuu hin dandeenye.
© #amartemam
#spidermedia@spidermediaa