Spider Media
Spider Media
June 11, 2025 at 07:56 PM
Indooneezhiyaan bittaa jeettiiwwan wara*anaatiif waliigaltee doolaara biliyoona 10 Turkiyyee waliin mallatteessiteetti Baay'ina uummataatuun biyya guddittii Muslimaa kan taate Indonesian hariiroo Turkiyyee waliin qabdu caalaatti jabeeffataa jirti. Waliigalteen gama wara*anaa jidduu biyyoota lameenii jirus ho'eera. Haaluma kanaan guyyaa har'aa Indoneeshiyaan bittaa meeshaa wara*anaa seenaa isii keessatti isa guddaa ta'ee galmaa'e raawwatteetti. Jeettiiwwan ammayyaa 48 dabalatee dhaloota 5ffaadha kan jedhameen jeettii wara*anaa Kaan bitachuuf Indooneezhiyaan doolaara biliyoona 10 baasteetti. Kanaanis Indooneezhiyaan jeettii Türkiye tokkoof doolaara miliyoona 208 ol kan baastu yoo ta'u kun ammoo jeettii war*aanaa Ameerikaa F-35 dachaadhaan kan caaluudha. Waliigalteen bittaa meeshaa wara*anaa kun gama Turkiyyeetiiniillee seenaa haaraa ta'ee ta'a. Türkiye n seenaa isii keessatti waliigaltee gurgurtaa meeshaa war*aanaa si'a tokkotti raawwattee isa guddaadha. Turkiyyeen jeettiiwwan warz*aanaa 48 kanneen waggoottan 10 keessatti Indonesia f dabarsitee kennitee kan xumurtu yoo ta'u jeettiin inni jalqabaa bara 2028 keessa harka biyya bittee kana qaqqaba. Indooneezhiyaan waliigaltee kana Turkiyyee waliin mallatteessuun dandeettii oomishuu Turkiyyee kan guddisuufi indaastiriisii gama kanaa daran kan guddisuudha. Indooneezhiyaan dabalataatti Qatar, Sa'uud Arabiyaa fi Azarbaajan dabalatee biyyoonni garaa garaa jeettii waraanaa kana Turkiyyee irraa bituuf biyyattiif fedhii isaanii agarsiisuu MEE gabaaseera. Gama biraatiin Pakistan Türkiye waliin ta'uun jeettii kaan kana oomishuuf waliigaltee waliif mallatteessuun isaanii kan yaadatamuudha. © #amar_temam #spidermedia@spidermediaa

Comments