
Spider Media
June 12, 2025 at 07:51 AM
Iraan mandaroota waraanaa Ameerikaa rukutuuf dhaadatte
Spider Media : Zul-Hijjah 16/1446
Iraan sababa sagantaa niwukilaraatiin waldhabdeen yoo uumame mandaroota waraanaa Ameerikaa nirukutti jechuun Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Iraan Aziz Nasrizaadeeh ibsan.
Iraan waliin waliigaltee niwukilaraarra ga’uuf amantaa dhabaa jiraachuu Pirezdaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi dubbataniiru.
Dubbii pirezdaantichaa hordofuun ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Iraan waliigaltee niwukilaraa dura biyyisaanii yoo haleelamte buufata waraanaa Ameerikaa naannawicha keessa jiru akka rukuttu dubbachuusaanii Aljaziiraan gabaaseera.
Tiraampi waliigaltee Iraan yuraaniyeemii gabbisuushee daangessu barbaaduun Eblarraa eegalee marii marsaa shan taasisaniiru.
Mariin marsaa 6ffaa dhuma torbee kanaa kan eegamu ta'uu kan yaadachiise gabaasni Barsiisaa, Iraan boombii niwukilaraa ijaaruu nidhaabdi jechuun ejjennoo Ameerikaa kan ibsan Pirezdaanti Tiraampi; waan fedhes ta'u walii galteerra nigahama jedhaniiru.
Iraan sagantaa niwukilarashee kaayyoo siivilii qofaaf akka ta’e dubbattus, biyyoonni dhihaa garuu Teehraan meeshaa niwukilaraa hojjachuuf yaadaa akka turte sodaadhaan ibsaa turaniiru.
© #amartemam
#spidermedia@spidermediaa