
Spider Media
June 12, 2025 at 01:44 PM
#oduu_ammee
Masriin Ajaja Iz*raa'eliin Aktivistota Gara Gaz*💔zaa 🇵🇸 imalaa turan dhaabsisuun namoota 200 ol to'annoo jala oolchite
Spider Media : Zul-Hijjah 15/1446
Anga'oonni Masrii aktivistoota gara Gaz*-zaa imalaa turan 200 buufata xiyyaaraa Kaayiroo fi hoteelota magaalaa guddoo biyyattii keessatti argamanitti to’annaa jala oolchuu isaanii qindeessaan imala addaa kanaa himaniiru.
Gareen aktivistota kuma 7 ol of keessatti hammatee biyyoota akka Mauritania, Morocco, fi Algeria irraafaa ka'e uggura Izr*ael Gaz*zaatti danqarte cabsuuf deeggarsa namoomaa fe'atee gara Gaz*zaa karaa bu'uu Spider Media gabaasuun keenya kan yaadatamuudha.
Imalli kun Imala Cichoominaa moggaasni jedhu kan kennameef yoo ta'u Kamisa har'aa Masrii - Kaayiroo akka qaqqabuudha karoorrisaa.
Gareen biyyootaafi bakkoota garaa garaa walitti yaa'e kun Masriitti walitti dhufuun achirraan ulaa Ra*fah Ga*z💔zaa 🇵🇸 akka seenuuf karoorfame.
Ta'ullee Ministeerri Dhimma Alaa Masrii ibsa Roobii kaleessaa kenneen, jilli biyyoota garaa garaa irraa kaayyoo kanaaf gara biyyattiitti imalaa jiru Masrii qaxxaamuruufis haa ta'u Ga*z*zaa seenuuf duursee heeyyama narraa argachuu qaba jedhe.
Izr*ael gama isiitiin 'Hiriirtota Jih*aa*distii' jechuun ibsa Kibxata dheengaddaa baasteen anga’oonni Masrii aktivistoonni Fala*💔sxiin 🇵🇸 deeggeran dhibbaan lakkaa’aman kunneen qaqqabuun hafee daangaa Ga*z💔zaattiyyuu akka hin dhihaanne akka dhorkitu Masrii gaafatteetti.
Haaluma kanaan Masriin har'a aktivistoota garee gara Gaz💔zaa imalutti makamuuf biyyoota garaa garaa irraa garas dhaqan 200 ol buufata xiyyaaraa Kaayiroo fi hoteelota magaalaa guddoo biyyattii bakka isaan qubatanitti to'achuu AF gabaaseera.
Dubbi himaan Koree Qindeessituu 'Imala Cichoominaa' Sa'iif Abu Kishk Agence France-Pressetti akka himanitti, lakkoofsi namoota hidhamanii 200 ol ta'uufi lammiileen kunneenis Ameerikaa, Awustiraaliyaa, Daach, Faransaay, Ispeen, Morookoo fi Aljeeriyaafaa irraa gara Gaz💔zaa seenuuf kan dhufan ta'uu dubbatani.
Abu Kishk heeyyama argachuuf gaaffii 50 ol Mootummaa Masriitiif dhiheessinullee isaan garuu tokkollee nuuf hin simanne, deebiin arganne hin jiru jechuun cimsanii dubbataniiru.
Itti dabaluudhaanis poolisoonni Masrii kutaa hoteelaa seenuun, bilbila saamuuniifi meeshaalee imaltoota sakatta'uun tasuma waan nuti nurratti raawwatama jennee hin eegneedha jedhan.
© #amartemam
#spidermedia@spidermediaa SpiderMedia