Spider Media
Spider Media
June 12, 2025 at 02:20 PM
#amma Xiyyaara kufee daaraa ta'e keessaa namni lama lubbuun argaman Xiyyaarri India gara Landanitti imalu namoota 242 fe'ee ture erga ka'ee yeroo muraasa booda dhiha Indiyaatti kufee caccabe. Hogganaan poolisii naannoo sanaa yeroo muraasa dura BBC'tti akka himanitti reeffi namoota 204 argameera. Tattaaffii taasifamaa jiruun janga ammaatti namoonni lama lubbuun akka argaman The Independent gabaaseera. Xiyyaara kana keessa lammiileen Indiyaa 169, lammiileen Biriteen 53, lammiileen Poortugaal 7 fi lammiin Kaanaadaa tokko akka turan Air Indian beeksiseera. © #amar_temam #spidermedia

Comments