Spider Media
Spider Media
June 12, 2025 at 03:45 PM
Ameerikaan dippilomaatotasii Iraaq keessaa baasuu hanga sodaa waraanaa haaraatti Spider Media : Zul-Hijjah 15/1446 Ameerikaan sababa yaaddoo Iraan waliin uumamerraa walqabatee yaaddoo nageenyaa mudateen, hojjattoota Imbaasiishee tokko tokkoofi maatiisaanii Iraaq keessa jiran keessaa akka baafachuuf jettu dubbatameera. Maalummaan yaaddoo nageenyaa jedhamee aanga’oota Ameerikaatiin ifa ta’uu baatus, Israa’el Iraanrratti haleellaa raawwachuuf akka karoorfatte Ameerikaatti himamuunsaa dhagahameera. Hojjettoonni kunniin akka bahan kan taasifamus, sababa haleellaa Israa’eliin Iraan qabeenya Ameerikaan Iraaq keessaa qabdurratti haaloo baati yaaddoo jedhuuni. Pirezdaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi hojjattoonni Imbaasii achitti hafuun hamaa ta’uu danda’a waan uumamu waliin ilaalla kan jedhan yoo ta’u, Iraan meeshaa niwukilaraa akka hojjattu kan hinbarbaanneefi hinhayyamne ta’uu dubbataniiru. Tiraampi jalqaba torbee kanaa Ministira Muummee Israa’el Beeniyaamin Neetaaniyaahuu waliin bilbilaan turtii daqiiqaa 40 taasisanii turan. Turtii bilbilaa kanaan Netaaniyaahuun filannoo dippilomaasii osoo hintaane tarkaanfiin waraanaa barbaachisaa ta’uu falmaniiru jedhame. Iraan yuraaniyeemii kan gabbistuuf tajaajila madda anniisaaf malee boombii atoomikii hojjachuuf akka hintaane dubbattus, walii galteen niwukilaraa yoo fashalaa’eefi Tiraamp Iraanirratti tarkaanfii waraanaa yoo ajajan mandaroota waraanaa Ameerikaa naannawicha keessa jiranirratti tarkaanfii haaloo akka fudhattu beeksisteetti. Giddugaleessa Bahaatti Ergamaan Addaa Ameerikaa Istiiv Wiitkoof Dilbata dhufu aanga’oota Iraan waliin mari’achuuf beellama qabachuunsaanii dhagahameera jechuun BBCn gabaaseera. © #amartemam #spidermedia@spidermediaa

Comments