
Spider Media
June 13, 2025 at 03:16 PM
Paakistaan xiyyaarota waraanaa naannoo iddoowwan niwukilaraasiitti bobbaaste
Spider Media : Zul-Hijjah 17/1446
Paakistaan haleellaa Israa’el Iraanirratti raawwatte hordofuun naannawa iddoowwan niwukilarasheetti bobbaaste.
Israa’el iddoowwan niwukilaraa Iraanirratti haleellaa raawwattee booda, Paakistaan sirna ittisa qilleensaashee dammaqsuun xiyyaarota waraanaa naannawa dhaabbilee niwukilaraasheefi daangaa biyyattiin Iraan waliin qabdutti erga bobbaasuushee aanga'oonni himaniiru.
"Sirnoonni keenya tarkaanfiif of eeggannoorra jiru. Balaan hatattamaa jiraachuu baatus," jechuun aanga'oonni basaasaa dhaabbata oduu Jarmanii DPA'tti himaniiru.
Aanga'oonni Paakistaan humna nageenyaa bobbaasuun Imbaasii Ameerikaa magaalaa guddoo Islaamaabaaditti argamuufi qoonsilaawwan dippilomaasii Ameerikaa magaalota biroo keessatti argaman ittisuuf qaamolee nageenyaatiin eegumsa taasisaa jiraachuu himaniiru.
Ministirri Muummee Paakistaan Sheehbaz Shariif haleellaa Israa’el Iraanirratti raawwatte balaaleffataniiru jechuun Gaazexaa Pilaas gabaaseera.
Ministirri Dhimma Alaa Paakistaan Ishaaq Daar Iraan waliin tumsa qabaachuusaanii ibsuun, haleellaa Israa’el kana “haqummaa kan hin taanee” fi “Walabummaa Iraan kan sarbudha” jechuun ibsaniiru.
Akkasumas tiwiitarasaaniirratti ''tasgabbii naannawaa akka malee miidha'' jechuun barreessaniiru.
© #amartemam
#spidermedi@spidermediaa