Spider Media
Spider Media
June 13, 2025 at 03:59 PM
Ayatollah Ali Khamenei wareegamtoota irratti salaachisuufi ibsa akeekkachiisaa kennuu qofatti waggaa dabarsaniiru. Manguddoon kun Iraaniif abbaadha. Keessuumaa dargagguummaasaa akkamiin akka dabarse ni beekna. Saxaxa meeqa keessa baatee biyyattiin akka har'a geesse yoo yaadan haalota amma keessa jirtu keessas darbuuf hagas mara akka hin rakkanne hubachuun salphaadha. Ta'ullee waggoottan muraasaa as wantoonni isiin keessuummeessaa jirtu waan salphaa miti. Waggaa as qofa Perezidaantiisii Ibraahim Raayisii dabalatee qondaalota wara*anaafi namoota siyaasaa gurguddoo mataa mootummaa biyyattii murteessoo ta'an heddu dhabuu itti fufteetti. Dabalataan hoogganaan garee Mujaahidotaa H*S Ismaa'il akkasumas hoggantoonni Hi*z-bu*llaah jumlaadhaan isii keessatti aj*jeefamaniiru. Olola irra dabartee bakka haaloo kanaa hin ba'annetti ammas Izr*ael haleellaa barii har'aa Tehraan dabalatee magaalotasii garaa garaa irratti raawwaatteen qondaalota war*aanaa biyyattiif baay'ee murteessoodha jedhamaniifi kanneen bifa salphaan bakka buufachuu hin dandeenye saayintistoota niwukilara jaha dhabdeetti. Ajajaan Olaanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Iraan, Jeneraal Mahaammad Baageerii, Ajajaa Olaanaa Eegdota Warraaqsa Islaamaa Iraan, Meejar Jeneraal Huseen Saalaamiifi Ajajaan Waajjira Raayyaa Ittisa Biyyaa Giddugaleessaa Iraan Meejar Jeneraal Golaam Alii Rashiid, Saayintistoonni Niwukilaraa olaanoo jahaafi ajajoonni waraanaasii biroo hedduun haleellaa kanaan ajj*eefamaniiru. Dhimmi xiyyeeffannaa guddaa fudhatu dhimma ittisaa biyyattiifi odeeffannooti. Sadarkaan humna ittisaa isii waggoottaniif ol fuudhamee odeeffamaa ture haala kana keessa seenuu akkamiin akka danda'eefi dhimmi odeeffannoo duursaa argachuu yookaan qixasanaan qophaa'uu dadhabuu irra deddeebiin kisaaraa kanaaf isii saaxileera. © #amartemam #spidermedia

Comments