Spider Media
Spider Media
June 13, 2025 at 04:26 PM
Tajaajilli wal’aansa yaala agartuu ijaa 315 milkaa’inaan raawwatame *** Tajaajilli Baankii Dhiigaafi Seelii Itiyoophiyaa tajaajilli wal’aansa yaalaa agartuu ijaa 315 milkaa’inaan raawwatameera jedhe. Sosochiin biyyaalessaa gumaacha dhiigaafi agartuu ijaa jajjabeessuurratti kaayyeffate guyyaa boruu ni gaggeeffama. Itti aanaan Daayriktara Olaanaa Tajaajilichaa obbo Habtaamuu Taayyeen akka ibsanitti, tajaajila wal’aansa agartuu ijaa waliin gahuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira. Bara baajataa 2017’tti tajaajila wal’aansaa agartuu ijaa 315 kennamuufi namoonni 522 agartuu ijaa isaanii gumaachuuf waadaa seenuu ibsuusaanii TOI gabaaseera. Tajaajila wal’aansaa agartuu ijaa bakkeewwan hundatti waluun gahuuf xiyyeeffannoon kennamuu kaasuun, yeroo ammaa hospitaalota Jimmaa, Hawaasaa, Goondar fi Maqaleetti kennamaa jiraachuu eeraniiru.FMC © #amartemam #spidermedia@spidermediaa

Comments