Spider Media
Spider Media
June 13, 2025 at 08:52 PM
🔴 #breaking: Misaa'elonni Iran furguuggisaa jirtu akka fashalu tattaaffii gochaa kan jiru Iz*raeliifi Ameerikaa qofa miti. Joordan hanga ammaatti misaayila baalaastikii Iraan gara Izr*ael furguuggiste 97 kuffisuun akka Izrael hin qaqqabne gooteetti jedha ATP dabalatee gabaasaaleen maddoota heddurraa ba'aa jiran. Joordaan meeshaan wara*anaa bifa kamiiniyyuu daangaa qil'eensaashee akka hin qaxxaamurre dhorku ATP’n maddikoo amanamaan naaf mirkaneesseera jedhe. Garuu Israa'el kaleessa daangaasii fayyadamuun Iraan haleeluun kan yaadatamuudha. Joordaan haleellaa Iran Israel irratti raawwataa jirtu fashalsuuf tattaafataa jiraattullee, misaa’eloonni isii hedduun ammallee daangaa qil'eensaa biyyattii qaxxaamuruun Israa’el haleeluu itti fufaniiru. © #amar_temam #spidermedia@spidermediaa

Comments