
Spider Media
June 14, 2025 at 02:21 PM
🔴 #oduu_ammee
Keeniyaatti xiyyaarri kufee caccabuun Qondaaltonni lama du'an
Spider Media : Zul-Hijjah 18/1446
Qondaaltonni humna qilleensaa Keeniyaa lama balaa xiyyaara har'a mudate kanaan du'aniiru jedhe gabaasni The Kenya Times.
Xiyyaarri waraanaa lama naannawaa hawaasa Kwale County keessa erga bararaa turanii booda keessa tokko kufuun qondaaltonni humna qilleensaa Keeniyaa lama du'uu kan eere gabaasichi, xiyyaarichi leenjiirra kan ture ta'uufi ta'uu dhabuu hin mirkaneessine.
Maddi oduu Spider Media buraan the Nation African gabaasa walfakkaataa baaseen sababni balaa kanaa ammallee ifa kan hin taane ta'uufi mootummaan biyyattii kana adda baasuuf qorannoo eegaluu ibseera.
© #amartemam
>#spidermedia