
Spider Media
June 18, 2025 at 04:27 PM
🔴 #oduu_ammee
Hindiin lammiileesiiIraan keessaa baafachuu eegalte
Spider Media : Zul-Hijjah 22/1446
Michuu Uz*rail kan taateefi ejjannoo biyyattiin fudhattu mara deeggaruun kan beekamtu Indian lammileesii Iraan keessaa baafachuu eegalteetti.
Wara*ana Iraan fi Iz*ra*el jidduutti gaggeffamaa jiru hordofee sodaa nageenyaatu jira kan jette Indiyaan sochii lammileesii Iraan keessaa baasuu kana ‘Operation Sindhu’ jettee kan moggaaste yoo ta'u marsaa jalqabaatiin barattoonni Hindii 110 baafamu Ministeerri Dhimma Alaa biyyattii ibsa Roobii har'a kenneen beeksiseera.
Hindiin barattoonnisii marsaa jalqabaa kanaan Iraan keessaa baafaman 110 kun kaleessa kaaba Iraan irraa geejjiba lafaa fayyadamuun Armeeniyaa seenuu kan ibsite yoo ta'u sana booda balallii addaa oppirishiinichaaf qophaa'een bor New Delhitti qaqqabu jetteetti jedha gabaasni Spider Media n The Times Of India irraa argate.
© #amartemam
>#spidermedia
#spidermedia@spidermediaa
